Damee dippilomaasii irratti humna dubartootaa cimsuu fi murtee kennumma isaanii gabbisuu irratti xiyyeeffannoon hojjetama jira.

Sadaasa 3/2017(TOI) - Damee dippilomaasii irratti humna dubartootaa cimsuu fi murtee kennumma isaanii gabbisuu irratti xiyyeeffannoon hojjetama jiraachuu Ministir deetaan ministira Dhimma Alaa ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo beeksisan.

Ministeera dhimma alaatti qindeesummaa wajjirra hirmaachisummaa dhimma dubartootaa fi hawaasumaatiin waltajjiin hubannoo uumuu akkasuma qorannoo duraa kaanserii harmaa fi kaanserii fiixee gadameessa har'a geggeeffameera.

Ministir deetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo dubartoonni hojjetoonni dirqama dachaa hawaasa keessatti qaban bakka hojiitti fayyaa guutuu qachuun akka bahataniif waltajjiwwan akka kanaa cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Ministeericha keessatti hirmaannaa fi murteesummaan isaanii akka cimu hojiin adda addaa hojjetamaa jirachuu fi gara fuula duraattis kun cimee akka itti fufu himaniiru.

Hoji geggeesituun wajjirra hirmaachisummaa dhimma dubartootaa fi hawaasumaa ministeerichaa doktar Aziizaa Galataa dippilomaatota dubartoota fayyaan isaanii eeggame horachuuf sagantaan kun jalqabamuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015