Riifoormii hammattoo ijaarsa sektaraan hojjetameen qisaasama qabeenya biyyaa fi seenaa wagga waggaan kasaaruu jalaa bahuun danda’ameera-Ittaanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Sadaasa 3/2017(TOI)- Riifoormii hammattoo ijaarsa sektaraan hojjetameen qisaasama qabeenya biyyaa fi seenaa wagga waggaan kasaaruu jalaa bahuun danda’ameera jedhan Ittaanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa.

Ittaanaan ministira muummee ergaa karaa fuula marsariitiisaanii dabarsaniin hojiin ijaarsa sektaraa hojjenne utubaa ijoo ijaarsa mootummaa dhaabuuti jedhaniiru.

Raawwii kurmaana waggaa jalqabaa bara 2017 qaamolee raawwachiisoo ministira muummeef itti waamamanii har’a qorachuu jalqabneerra jedhan.

Riifoormii hammattoo ijaarsa seektaraan hojjetameen qisaasama qabeenya biyyaa fi seenaa wagga waggaan kasaaruu jalaa bahuu dandeenyeerra jechuun ibsaniiru.

Haala Kanaan seektaroota dinagdee biyyaa deeggaranii fi wagga waggaan birrii biiliyoonaan lakkaa’amu galmeessisan, namoota hedduuf carraa hojii uuman, cehumsa beekumsaa fi teeknooloojiif gumaacha taasisan uumneerra jedhan.

Riifoormiin Seektaroota ministira muummeef itti wamaman hunda keessatti jalqabame waggoota darban bu’aa safaramuu fi lakkaa‘amuu fiduusaanii ibsaniiru.

Waltajjii har’aatiin raawwiiwwan ijoo bara bajataa kurmaana jalqabaatti hojjechuuf karoorsinee niqoranna jechuun eeraniiru.

Waltajjii hojii akka gaariitti milkeessine ilaallee hanqinoota adda baasuun dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan adda baasuun tumsa waloo taasisuuf boqonnaa itti aanuuf kaka’umsa caalaa kan itti uumnu nita’a jedhan Ittaanaan ministira muummee ergaasaaniitiin.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015