Kaampaaniiwwan Biraaziil sektaroota oomishaa fi bu’aalee qonnaa qiqindeessuurratti Itiyoophiyaatti invast akka godhan waamichi taasifame - ENA Afaan Oromoo
Kaampaaniiwwan Biraaziil sektaroota oomishaa fi bu’aalee qonnaa qiqindeessuurratti Itiyoophiyaatti invast akka godhan waamichi taasifame
Sadaasa 4/2017(TOI)- Kaampaaniiwwan Biraaziil sektaroota oomishaa fi bu’aalee qonnaa qiqindeessuurratti Itiyoophiyaatti invast akka godhan Biraazilitti abbaan aangoo guutuu ambaasaaddar Li’ulsaggad Taaddasaa waamicha taasisaniiru.
Ambaasaaddar Li’ulsaggad Taaddasaa pirezidaantii Konfedereeshinii manneen maree daldalaa fi Biizinasii Biraaziil Elfireedoo Koontee Neetoo waliin marii sektaroota tumsa dinagdee Itiyoophiyaa fi Biraaziil cimsuu dandeessisu taasisaniiru.
Itiyoophiyaan qabeenya uumamaan kan badhaate, filmattota Invastimantii bal’aa fi bu’uraalee misoomaa invastimantiif mijatan, humna namaa fi bakkeewwan hojii, sektarri dhuunfaa misoomarratti akka hirmaatu hooggansaa mijataa fi kutannoon jiraachuu pirezidaantii konfedereeshinichaaf ibsaniiru.
Paarkiiwwan industirii dureeyyii biyya alaa Itiyoophiyaatti sektaroota oomishaa fi bu’aalee qonnaa qiqindeessan simachuu danda’an ijaaramuusaanii fi godinaaleen qaxanaa daldala bilisaa qophaa’uusaanii beeksisuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaanimul’isa.
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa balallii imaltootaa fi kaargoo guyya guyyaatti Biraazilii fi naannawasheetti taasisu kanneen misoomarratti bobba’aniif haala mijataa kan uumu ta’uu ambaasaaddar Li’ulsaggad dabalanii ibsaniiru.
Pirezidaantiin konfedereeshinichaa Alfireedoo Koontee Neetoo gamasaaniin Itiyoophiyaan carraalee Invastimantii hedduu kan qabdu ta’uushee hubachuusaanii fi kanammoo gara hariiroo Itiyoo-Biraaziil qabatamaatti guddisuun akka barbaachisu dubbataniiru.
Kanaaf Konfedereeshinichi dhimmicha ilaalchisuun Embaasicha walii ta’uun akka hojjetu ibsuusaanii odeeffannoo Kanaan eerameera.