Itiyoophiyaan waliigaltee Paarisiis fi ittigaafatamashee ‘COP 28’ waggaa darbee waan sadiin hojeessaa jirti Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan waliigaltee Paarisiis fi ittigaafatamashee ‘COP 28’ waggaa darbee waan sadiin hojeessaa jirti Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sadaasa 4/2017(TOI)- Itiyoophiyaan waliigaltee Paarisiis fi ittigaafatamashee ‘COP 28’ waggaa darbee waan sadiin hojeessaa akka jirtu Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.
Kan jalqabaa hojii ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan biiliyoona 40 dhaabuun bosonni dhibbantaa 6n akka guddatu taasiseera jedhan.
Kan biraan bara 2015 hanqina oomishaa gara oomisha irraa hafaa oomishuutti geeddare sagantaan misooma Qamadii jallisii yoo ta’u pirojektiiwwan misooma magaalaa ammayyaa eegumsa haala qilleensaaf mijataa kan ta’an magaalaawwan egeree fi magariisaa kan uuman humna haaromfamuun kan deeggaraman daandii lafoo kan qabanii fi konkolaattonni Elektiriikii kan itti dhihaatan hojiilee birooti jechuun ibsaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin wayita #COP29 adeemsifamaa jirutti hojiileen Itiyoophiyaan rakkoo jijjiirama qilleensaaf furmaata fiduuf hojiilee hojjetaman Faayinaansiirratti kaayyeffachuun gamatti ittigaafatamoota waloo garuummoo ittifayyadama tokkoon tokkoon namaan adda bahan akkasumas ittigaafatama seenaa kan gaafachiisan ta’uu akka qaban xiyyeeffannoo guddaa kenniteetti jedhan.
Murteewwan deeggarsa maallaqaa haala qilleensaa iftoomina qaban biyyoota akka Afriikaa misooma xiqqaa qaban qabatamaan hordofuuf barbaachisoodha jedhaniiru.