Yaa'iin kurmaana jalqabaa sektera ministeera Geejibaa fi lojistikii magaalaa Harariitti geggeeffama jira. - ENA Afaan Oromoo
Yaa'iin kurmaana jalqabaa sektera ministeera Geejibaa fi lojistikii magaalaa Harariitti geggeeffama jira.
Sadaasa 4/2017(TOI) - Yaa'iin kurmaana jalqaba bara bajataa kanaa kan sektera Ministeera Geejibaa fi Lojistikii magaalaa Harariitti geggeeffama jira.
Yaa'ii kanaa raawwiin karoora hojii Ministeera Geejibaa fi Lojistikii kurmaana jalqabaa bara bajatichaa ni gamaggamama jedhameera.
Yaa'ii kanarratti Ministira Geejibaa fi Lojistikii doktar Alamuu Simee, Pirezidaantii naannoo Hararii obbo Oradiin Badirii, ministir deetaawwan ministira Geejibaa fi Lojistikii, haggantoota bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa fi Finfinnee dabalatee hoggantoonni sektirichaa kan naannolee hundaa hirmaataniiru.