Ijaarsi hidha haaromsaa Itiyoophiyaa amma xumuramutti lammiin Itiyoophiyaa hundi deeggarsa taasisu cimsuu qaba-Ambaasaaddar Itsagannat Bazzaabih - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsi hidha haaromsaa Itiyoophiyaa amma xumuramutti lammiin Itiyoophiyaa hundi deeggarsa taasisu cimsuu qaba-Ambaasaaddar Itsagannat Bazzaabih
Sadaasa 4/2017(TOI)- Ijaarsi hidha haaromsaa Itiyoophiyaa amma xumuramutti lammiin Itiyoophiyaa hundi deeggarsa taasisu cimsuu akka qabu Ugaandaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Itsagannat Bazzaabih hubachiisan.
Ugaandaa Kaampaalaa kan jiraatan adde Biheer Kiflee xumura pirojektii hidha haaromsaaf kan oolu Boondii doolaara Ameerikaa kuma 31 fi 425 bitaniiru.
Adde Biheer Embaasii Kampaalaatti argamuun Boondii kan bitan yoo ta’u sanada Boondii kana Ugaandaatti ambaasaaddara Itiyoophiyaa Itsagannat Bazzaabih Yimanuu harkaa fudhataniiru.
Hidhi haaromsaa guddichi kan biyyi keenya itti boontu ta’uu ambaasaaddar Itsagannat ibsanii, amma hidhi kun xumuramutti lammiin Itiyoophiyaa hundi tumsa taasisu cimsee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.
Adde Biheer fi Maatiinsaanii ijaarsi hidha haaromsaa guddichi galmasaa akka gahu deeggarsa irra deddeebi’uun taasisaa jiraniif galateeffataniiru.
Boondii kan bitan adde Biheer Kiflee gamasaaniin hidhi haaromsaa guddichi misooma Itiyoophiyaaf pirojektii biyyaalessaa gumaacha olaanaa taasisu akka ta’e kaasaniiru.
Hidhi kun amma xumuramutti deeggarsa taasisan cimsanii akka itti fufan ibsuusaanii odeeffannoon ministeera alaarraa argame nimul’isa.