Hojiilee Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf hojjechaa jirtuuf hawaasni idil addunyaa deeggarsa taasisuu qaba-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee

Sadaasa 4/2017(TOI)- Pirojektoota Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf hojjechaa jirtuuf hawaasni idil addunyaa deeggarsa taasisuu akka qabu Pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen ibsan.

Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa mootummoota gamtoomanii 29ffaa(COP29)Azarbaajaan Baakuutti taa’amaa jiru har’a guyyaa sadaffaa qabateera.

Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee haasawa yaa’icharratti taasisaniin Itiyoophiyaan  inisheetiivii ashaaraa magariisaa dabalatee hojiiwwan ijoo eegumsaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa taasisaa jirtu himaniiru.

Hawaasni addunyaa carraaqqiiwwan akkasii akka ciman deeggarsa taasisuu akka qabu ibsuusaanii odeeffannoonministeera alaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015