Hojii damee Geejibaa fi Lojistikii ammayyeesuuf xiyyeeffannoon kennameera.

Sadaasa 4/2017(TOI) - Hojii damee Geejibaa fi Lojistikii ammayyeesuuf xiyyeeffannoon kennamuu Ministirri Geejibaa fi Lojistikii doktar Alamuu simee beeksisan.

Yaa'iin kurmaaba jalqabaa bara bajataa kana kan sektera Geejibaa fi Lojistikii magaalaa Hararitti geggeeffama jira.

Ministirri Geejibaa fi Lojistikii doktar Alamuu Simee dameen geejibaa fi lojistikii guddina dinagdee biyyaf bakka olaanaa kan qabudha jedhaniiru.

Keessattu imaala guddina dinagdee ariifataa biyyattiin galmeesuuf eegalete galmaan gahuuf sekteroonni wajjirichaa hojii geejibaa fi lojistikii madaalu hojechuu qabu jedhaniiru.

Yaa'ii kanarratti damee loojistikii fi jgeejibaan maaltu akka hojjetame, bu'aan hagam akka galmaa'e, maaltu akka hafu adda baasuu fi maal irratti xiyyeeffachuun akka barbaachisu irratti waliigaltee uumuuf kan kaayyeeffatedha jedhaniiru.

Kunis muuxannoo gaarii jiru babal'isuu fi imaala badhaadhinaa mirkaneesuuf kan gargaaru ta'uu eeraniiru.

Yaa'ii kanarratti kan argaman pirezidaantiin naannoo Hararii obbo Oradiin Badirii gama isaaniin naannichaatti magaalaa fi baadiyaatti bu'uuralee misooma daandii hojjechuun yeroo gabaabaa keessatti bu'aan qabatamaan argameera jedhaniiru.

Bara bajataa kanas hojiin bu'uuralee misoomaa daandiin bal'inaan hojjetama jirachuu himaniiru.

 

 

 
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015