Sagantaan misooma teeknooloojii biyyoolessaa lammataa har'a ni eegala

Sadaasa 4/2017 (TOI) - Sagantaan misooma teeknooloojii biyyoolessaa lammataa har'a kan eegalu ta'uu Ministeerri Hojii fi Ogummaa beeksise.

Sagantaa kana Ministeerri Hojii fi Ogummaa, Inistiitiyuutii Leenjii, Teeknikaa fi Ogummaa akkasuma Inistiitiyuutii Misooma Intarpinarishiippitu waliin ta'uun qopheese jedhameera.

Sagantaan kun mata duree " Ogummaan Itoophiyaaf'' jedhuun gaggeeffama.

Sagantaan kun dargaggoota dandeettii fi fedhii qaban guutuu biyyattii irraa walitti fiduun dandeettii kalaqa teeknooloojii isaanii guddisuun teeknooloojiiwwan rakkoo furuu danda'an kan teeknooloojiiwwan biyya alaatii galfaman bakka bu’anii oomishaa fi oomishtummaa dabaluu danda’an akka hojjetan deeggarsa kan taasisuu ta'uu odeeffannoon ministeericha irraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015