Ijaarsa pirojektii jallisii Lixaa Walaabuu baatii lama keessatti xumuruuf hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsa pirojektii jallisii Lixaa Walaabuu baatii lama keessatti xumuruuf hojjetamaa jira
Sadaasa 4/2017(TOI)-Raawwiin ijaarsa pirojektii jallisii Lixaa Walaabuu Godina baha Booranaattu ijaaramaa jiru dhibbantaa 95 irra gahuusaa waajjirri misooma jallisii fi horsiisee bulaa beeksise.
Waajjirichatti dursaan garee diizaayinii fi to’annoo Injiinar Tasfaahuneny Daani’eel, saaxilamummaa ongee horsiisee bulaa godinichaa hir’isuuf hidha jallisii hedduun ijaaramaa jiru jedhaniiru.
Hidhi Pirojektii jallisii isa tokko ta’uu eeranii, raawwiinsaas harka 95 gahuusaa ibsaniiru.
Pirojekticha raawwachiisuuf biiroon misooma jallisii fi horsiisee bulaa naannichaa birrii miiliyoona 130 ramaduusaa eeraniiru.
Kanaaf ijaarsa hidhichaa baatii lamaan dhufan guutummaatti xumuruun tajaajilaaf oolchuuf carraaqqiin taasifamaa jira jedhaniiru.
Hidhi jallisii kun tajaajila wayita jalqabu lafaa heektaara 120 misoomsuun abbootii warraa 250 akka fayyadu himaniiru.