Itiyoophiyaan qonna egeree imaammatashee haala qilleensaa biyyaalessaa keessatti qindeessuun wabii nyaataa fi eegumsa naannoo guddisuuf hojjechaa jirti-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan qonna egeree imaammatashee haala qilleensaa biyyaalessaa keessatti qindeessuun wabii nyaataa fi eegumsa naannoo guddisuuf hojjechaa jirti-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Sadaasa 4/2017(TOI)- Itiyoophiyaan qonna egeree imaammatashee haala qilleensaa biyyaalessaa keessatti qindeessuun wabii nyaataa fi eegumsa naannoo guddisuuf hojjechaa akka jirtu Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee ibsan.
Itiyoophiyaan yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa mootummoota gamtoomanii 29ffaa (COP29) Azarbaajaanitti adeemsifamaa jirurratti walgahii jijjiirama haala qilleensaa sadarkaa olaanaa fi sirna nyaataa fi uumama bayyanachiisuu gaggeessitoonni addunyaa irratti argamerratti xiyyeeffate taasifteetti.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee, ministirri muummee Deenmaark Meetee Fireedriiksen, ministirri jijjiirama haala qilleensaa fi eegumsa naannoo Emereetota Araba Gamtoomanii Dr. Amnaa Biint Abdullaah Al Dahaak Alshamsii, Pirezidaantiin COP29 fi ministirri eegumsa naannoo Azarbaajaan Muktaar Babayeev fi bakka bu’oonni dhaabbilee idil addunyaa walgahii kanarratti hirmaataniiru.
Walgahichi galma haala qilleensaa hoo’innni addunyaa digirii seelshiyeesii 1 tuqaa 5 akka hincaalle gochuuf qabame milkeessuu akkasumas sirnoota nyaataa fi barbaachisummaa qabu irratti kan xiyyeeffatedha.
Itiyoophiyaan qonna egeree imaammatashee haala qilleensaa biyyaalessaa keessatti qindeessuun wabii nyaataa fi eegumsa naannoo guddisuuf kutannoo qabdi jedhan Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee .
Tarkaanfiin haala qilleensaa Itiyoophiyaa guddaan kun carraalee dinagdee Itiyoophiyaa waliin kan walqabate ta’uunsaa fayyadama lammiilee mirkaneessuu akka danda’u himaniiru.
Itiyoophiyaan gama jijjiirama haala qilleensaatiin furmaatilee guddaa tarkaanfachiisuun fi tumsa idil addunyaa cimsuuf kutannoo akka qabdu ibsameera.
Kaarboonii gadi lakkifamu hir’isuun, lafa miidhame deebisanii bayyanachiisuu fi qonna egeree bal’isuun barbaachisaa akka ta’e walgahicharratti kaafamuusaa odeeffannoon ministeera pilaanii fi misoomaa irraa argame nimul’isa.