Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gabaasa hojii misooma kooriidarii Finfinnee boqonnaa lammaffaa qoratan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gabaasa hojii misooma kooriidarii Finfinnee boqonnaa lammaffaa qoratan
Sadaasa 4/2017(TOI- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gabaasa hojii misooma kooriidarii Finfinnee boqonnaa lammaffaa kallattiiwwan kooriidarii saddet fi bal’ina heektaara kuma 2 fi 879 irratti hojjetamaa jiru qorataniiru.
Ministirri muummee ergaa karaa fuula marsariitiisaanii dabarsaniin har’a hojii misooma kooriidarii Finfinnee boqonnaa lammaffaa kallattiiwwan kooriidarii saddet fi bal’ina heektaara kuma 2 fi 879 irratti hojjetamaa jiru qoranneerra jedhan.
Magaalonni keenya guddinaa fi guddinaaf caalaatti mijattuu gochuuf boqonnaa jalqabaarraa muuxannoo fudhachuun tarkaanfii caalu tarkaanfachuun danda’ameera jechuun ibsaniiru.
Yeroo ammaa ittigaafatamummaa bu’uraa sadii irratti xiyyeeffachuu qabna kan jedhan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad jalqaba magaalota fedhii dhaloota boruuf mijatan ijaaruu, kan lammataa magaalaawwan jijjiiramaa jiran keessatti dhaloota guddachuu danda’u horachuu, kan sadaffaa gaggeessaa magaalaawwan ammayyooman kanneen ga’oomaan gaggeessuuf qophaa’ega’oomsuudha jechuun ibsaniiru.