Meeshaaleen bu'uuraalaa karaa Firaankoo Vaalutaa galaa turan sanada wabii Baankota Daldalaan (lC) akka galfaman murtaa'e. - ENA Afaan Oromoo
Meeshaaleen bu'uuraalaa karaa Firaankoo Vaalutaa galaa turan sanada wabii Baankota Daldalaan (lC) akka galfaman murtaa'e.
Sadaasa 4/2017(TOI) - Meeshaaleen bu'uuraalaa karaa Firaankoo Vaalutaa alaa galaa turan karaa idileen sanada wabii Baankota Daldalaan (lC) akka galfaman murtaa'uu Ministirri Maallaqa obbo Ahimad Shidee beeksisan.
Mootummaan hanqinni oomishaa meeshaalee bu'uuraa akka hin mudanne yaaduun dureeyyootaa dhuunfaaf eeyyama Firaankoo Vaaluutaa kennuun ni yaadatama.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee akka himanitti; karaa Firaankoo Vaaluutaan meeshaalee bu'uuraa akka biyya keessa galan taasisuun hanqinni akka hin mudannee taasisuu keessatti deeggara hanga tokko taasiseera.
Ta'uus garuu Firaankoo Vaaluutaan kun karaa hin taanee gabaa seeraan alaaf waan saaxilameef sharafa alaarratti dhiibbaa uumuun fayidaa isaa caalaa miidhaan isaa guddachuu himaniiru.
Fooyya'insi guutuu imaammata dinagdee gooroo taasifame gabaa sharafa alaa idilee fi kan biroo jiddu garaa garummaa jiru waan walitti buteef Firaankoo Vaaluutaan akka hafu taasifamuu himaniiru.
Haaluma kanaan meeshaalee bu'uuraa karaa Firaankoo Vaaluuta biyya alaa galchuun guuttummaan guutuutti akka hafu taasifamuus eeraniiru.
Meeshaaleen alaa galfamuuf adeemsarra jiran torban lama keessatti akka galan kan taasifamu ta'uu himaniiru.
Haaluma bu'uura murtee kanaan meeshaaleen bu'uuraalaa karaa Firaankoo Vaalutaa galaa turan sanada wabii Baankota Daldalaan (lC) akka galfaman murtaa'uu fi kunis gara gochaatti galamuu ibsaniiru.
Baankonni daldalaa meeshaalee bu’uuraaf kuufama sharafa alaa gahaa akka qaban kaasanii, baankonnis xiyyeeffannaa kennuun dhiyeessii sharafa alaa akka fooyyessan ni taasifamas jedhan.
Mootummaan tarkaanfii imaammata dhiyeessii meeshalee bu’uuraa fi gatii tasgabbeessuu cimsee akka itti fufu akeekaniiru.
Tarkaanfii imaammataa fi to’annoon garaagarummaan gabaalee dhiphachuu hubachiisaniiru.
Hojiirra oolmaa fooyyessii imaammataa diinagdee gooroon, walbuusi tilmaama sharafa alaa hinmudanne jedhanii, fuuldurattis gama Baankii biyyaalessaan hordoffii cimaan akka taasifamu ibsaniiru.
Like
Comment
Send
Share