Riifoormiin dinagdee Gooroo Itiyoophiyaan hojeessaa jirtu kaampaaniiwwan Awurooppaaf carraa caalu kan kennudha-Ambaasaaddar Soofii Firoom-Imesbergern

Sadaasa 4/2017(TOI)- Riifoormiin dinagdee Gooroo Itiyoophiyaan hojeessaa jirtu kaampaaniiwwan Awurooppaaf carraa caalu kan kennudha jedhan Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri gamtaa Awurooppaa Soofii Firoom-Imesbergern.

Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos Itiyoophiyaatti ambaasaaddara gamtaa Awurooppaa Soofii Firoom-Imesbergern waajjirasaaniitti simatanii dubbisaniiru.

Gamtaan Awurooppaa carraaqqii Itiyoophiyaan sektaroota hawaas-dinagdee fooyyessuuf taasiftuuf tumsituu ijoo ta’uusaa ministirri dhimma alaa Geediyoon ibsaniiru.

Hariiroo Itiyoophiyaan gamticha waliin qabdu caalaatti cimsuuf akka hojjettus dubbataniiru.

Kessumaammoo hariiroo kana tumsa misoomaa, daldalaa fi Invastimantiin bal’isuuf fedhiin akka jiru ibsanii, haala wayitaawaa nageenyaa fi tasgabbii qaxanichaa ambaasaaddarittiif ibsaniiru.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri gamtaa Awurooppaa Soofii Firoom-Imesbergern gamasaaniin, Itiyoophiyaan shoora tarsiimawaa guddaa qaxanichatti qabduun gamtichi hariiroo biyyattii waliin qabuun xiyyeeffannoo addaa akka kennu ibsaniiru.

Itti dabaluunis bakka bu’oonni biyyoota miseensa gamtichaa 22 Finfinnee fi kaampaaniiwwan Awurooppaa 180 caalan Itiyoophiyaatti akka argaman eeranii, riifoormiin dinagdee Gooroo Itiyoophiyaan hojeessaaa jirtu kaampaanii kanneeniif carraa caalu akka ta’uuf dubbataniiru.

Komishiniin marii biyyaalessaa nageenyaa fi tasgabbii waaraa Itiyoophiyaaf akka uumu gochuun gumaacha gaarii akka qabaatu ambaasaaddarittiin ibsuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015