Itoophiyaan humna dhiibbaa jijjirama qilleensaaf hin jilbeeffanne uumuuf ejjennoon isheen qabdu dinqisiisadha.

Sadaasa 4/2017(TOI) - Itoophiyaan humna dhiibbaa jijjirama qilleensaaf hin jilbeeffanne uumuuf ejjennoon isheen qabdu dinqisiisadha jedhan Hoji raawwachiiftuun olaantuu Kilaameet Invastimat Fanid Tariyee Badigeesiin.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Yaa'iin jijjirama qilleensa 29ffaa (COP 29) Azerbajaan magaalaa Baakuutti geggeeffamu erga eegalee har'a guyyaa sadaffaa ta'eera.

Pirezidaanit Taayyee Atsiqesillaasee, Ministira Karooraa fi misoomaa Doktar Fitsum Asaffaa, Ministira Qonnaa doktar Girmaa Amantee dabaltee jilli Itoophiyaa biroon yaa'icharratti hirmaacha jira.

Pirezidaanit Taayyee Atsiqesillaasee misooma ashaaraa magariisaa Itoophiyaa fi eegumsa naannoo irratti hojii hojjecha jirtu kan agarsiisu 'Paaviliyoonii' eebbisanii bananiiru.

Hirmaattoonni yaa'icharrtti hirmataanis 'Paaviliyoonii' kana daawwachaa jiru.

Jilli Hoji raawwachiiftuun olaantuu Kilaameet Invastimanit Fanid

(Climate Investment Fund) Taryee Badigeesiin durfamus daawwataeera.

Ministirri Qonnaa doktar Girmaa Amantee hoji raawwachiftuu kana waliin marii gamlamee dhimma misooma bosonarratti xiyyeeffate taasisaniiru.

Taryee Badigeesiin ejjennoo Itoophiyaan humna dhiibbaa jijjirama qilleensaaf hin jilbeeffanne uumuuf hojjecha jirtu dinqisiifataniiru.

Doktar Girmaa Amantee jilli isaanii Paaviliyoonii kana daawwachii isaaniif galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015