Alergitoonni boruu eegalee sharafa alaa maddisiisanirraa dhibbantaa 50 gurguruun kan hafe yeroo hinmurtoofneef akkaawuntiisaanii keessa kaa’uu nidanda’u-Baankii Biyyaalessaa

Sadaasa 4/2017(TOI)- Alergitoonni boruu eegalee hojmaanni sharafa alaa maddisiisanirraa dhibbantaa 50 gurguruun kan hafe yeroo hinmurtoofneef akkaawuntiisaanii Itiyoophiyaa keessa jiru keessa kaa’uu itti danda’an akka hojeeffamu Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ibse.

Bulchaan Baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Maammoo Mihiratuu akka jedhanitti, alergitoonni sharafa alaa maddisiisan keessaa dhibbantaa 50 Baankotaaf battalatti gurguruun kan hafe baatii tokko keessatti gurguruuf nidirqisiifamu ture.

Wayita hojmaatichi yeroof hojeeffamu  sharafa biyya alaa tasgabbaa’aan akka jiraatu  barbaaduurraa akka ture obbo Maammoon yaadachiisaniiru.

Alergitoonni boruu eegalee garuu sharafa alaa maddisiisan dhibbantaa 50battalatti gurguruun dhibbantaa 50 hafe yeroo hinmurtoofneef akkaawuntiisaanii keessa kaa’uu nidanda’u.

Kana jechuun sharafa alaa maddisiisan baatii tokko keessatti akka gurguran hindirqisiifaman jechuudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015