Galii albuudarra argamu guddisuuf xiyyeeffannoon addaa kennamuu qaba.

Sadaasa 5/2017(TOI) - Galii albuudarra argamu guddisuuf Ministeerri Albuudaa imaammataa fi hammattoo seeraa hojiif barbaachisan irratti xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjechuu akka qabu Mana maree bakka bu'oota uummataatti Koreen dhaabbii dhimma bulchiinsi fi to'annoo baasii mootummaa hubachiise.

Koreen dhaabbii kun gabaasa odiitii hojii fi tarkaanfiiwwan sirreeffamaa waajjirri Odiitara Muummichaa daballii fi sassaabbii galii albuudaa Ministeerri Albuudaa bara baajataa 2015/16 hojjete ilaalchisee mari'atee jira.

Ministeerri Albuudaa kuufama qabeenya albuudaa adda baasuu, qo’annoo bu'a qabeesummaa duraa taasisuun dhaqqabamaa taasisuu fi damichaaf imaammata qopheessuu irratti qaawwi akka jiru gabaasa odiitii hojii irratti mul’achuun himameera.

Haaluma walfakaatuun gabaasni odiitii kun invastimantii fi misooma albuudaa irratti hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuuf sirni hojii gahumsaa fi bu’a qabeessa ta’e akka hin qophaa’in ibseera.

Omishaaleen Albuudaa sadarkaa idil-addunyaatti akka ta'aniif sirna diriirsuu fi raawwii isaa hordofuurrattis hanqinni akka jiru ibsameera.

Gabaasni kun seeraan alummaa ittisuu, galteewwan bakka bu'an uumuu fi oomishtoota albuudaa aadaa naannolee waliin ta’uun hordofuu irrattis qaawwi akka tures eereera.

Miseensonni Koree Dhaabbii Bulchiinsaa fi To’annoo Baasii Mootummaa fi qooda fudhattoonni waltajjii kanarratti argaman argannoo odiitii irratti hundaa’uun tarkaanfiiwwan sirreeffamaa Ministeerri Albuudaa fudhate irratti ibsi akka kennamu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015