Chaayinaatti jilli bulchaa bulchiinsa Jiyaansuu Shuu Kuliin durfamu Finfinnee gale. - ENA Afaan Oromoo
Chaayinaatti jilli bulchaa bulchiinsa Jiyaansuu Shuu Kuliin durfamu Finfinnee gale.
Sadaasa 5/2017(TOI) - Chaayinaatti jilli bulchaa bulchiinsa Jiyaansuu Shuu Kuliin durfamu har'a ganama Finfinnee gale.
Jilli kun yeroo inni buufata Xiyyaara idil addunyaa Boolee gahu ministir deetaan ministira Dhima Alaa ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo, ministeerichaatti daarektarri dhimma biyyoota baha jiddugaleessa, Eshiyaa fi Paasifik ambaasaaddar Nigus Kabbadaa fi hoggantoonni olaanoo biroo ministeera dhimma alaa simataniiru.
Jilli bulchaa bulchiinsa Jiyaansuun durfamu kun turtii Finfinneetti taasisuun hoggantoota hojii mootummaa olaanoo waliin ni mari'ata jedhamee eeggama.
Jilli kun yaa'ii dinagdee fi tumsa daldalaa Chaayinaa- Afrikaa har'a Finfineetti eegalu irrattis ni hirmaata jedhameera.
Chaayinaatti bulchiinsi Jiyaansuu bulchiinsa dinagdee guddaa sochooftu ishee lammaaffaa yoo taatu kubbaaniyyaawwan ishee 76 Itoophiyaatti hojii invastimantii doolaara biliyoona 1.3 baasu irratti hirmaachaa akka jiran odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul'isa.