Ya'iin Dhaabbata Hojii Addunyaa sadarkaa ardiitti Caamsaa dhufu Finfinneetti ni geggeeffama. - ENA Afaan Oromoo
Ya'iin Dhaabbata Hojii Addunyaa sadarkaa ardiitti Caamsaa dhufu Finfinneetti ni geggeeffama.
Sadaasa 5/2017(TOI) - Ya'iin Dhaabbata Hojii Addunyaa 20ffaan sadarkaa ardiitti Caamsaa 11-15/2017'tti Finfinneetti ni geggeeffama jedhame.
Yaa'icha ilaalchisuun Ministira Magaalaa fi bu'uuralee misoomaa aadde Caaltuu Saanii fi Dhaabbata Hojii Addunyaatti bakka bu'aan gaanfa Afrikaa Niwaalaa Kambaalaa miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Yaa'iin kun mata duree '' Haala jijjiramaa rakkisaa addunyaa hawaasa gamdamachuu danda'u uumuu'' jedhuun kan geggeeffamu ta'uu ibsaniiru.
Yaa'iin kun Caamsaa dhufu gaafa guyyaa 11 -15/2017'tti Finfinnee galma Yaadannoo Adwaatti kan geggeeffamu ta'uu ibsanii; waraqaan qorannoo damicha irratti xiyyeeffatan dhihaachuun irratti ni mari'atama jedhaniiru.
Kanneen yaa'ii kanarratti hirmaataan hojiin bu'uuralee misoomaa Itoophiyaan hojjecha jirtus kan daawwatan ta'uu ibsaniiru.
Yaa'ii kanarratti kanneen imaammata qopheessan, waldaaleen hojjechiisttotaa fi hojjettootaa, ogeeyyii tekinolojii hojjetootarratti xiyyeeffatan, dhaabbilee miti mootummaa, dhaabbileen akkadaamii fi qorannoo kan hirmaatan ta'uu ibsaniiru.
Yaa'ii kana karaa milkaa'ina qabuun geggeesuuf dhaabbilee mootummaa 15 irraa koreen walitti dhufe hundaa'uun qophii dursaa taasisaa jirachuu Ministirri Magaalaa fi Bu'uuralee misoomaa aadde Caaltuu Saanii ibsaniiru.