Itiyoo Telekoom tajaajila paarkiingii Smaartii magaalaa Shaggaritti jalqabsiise - ENA Afaan Oromoo
Itiyoo Telekoom tajaajila paarkiingii Smaartii magaalaa Shaggaritti jalqabsiise
Sadaasa 5/2017(TOI)- Itiyoo Telekoom tajaajila paarkiingii Smaartii magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Malkaa Noonnootti jalqabsiise.
Hojii raawwachiiftuun olaantuu Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu, kantiibaan magaalaa Shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa fi hooggantoonni magaalichaa biroo fi keessummoonni waamaman sirna jalqabiinsaarratti argamaniiru.
Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu wayita kana akka jedhanitti, Itiyoo telekoom magaalonni sirna dijitaalaan gara Smaart Siitiitti akka jijjiiraman hojii mul’atu hojjechaa jira.
Tajaajilli Smaart Paarkiingii har’a magaalaa Shaggaritti ifoome qaama hojii kanaa ta’uu ibsanii, tajaajilli kun paarkiingii magaalichatti kennamu kan ammayyeessudha jedhaniiru.
Tajaajilli kun magaalaa Shaggaritti kan jalqabame qaama Smaart Siitii ta’uusaa eeraniiru.
Tajaajilli Smaart Paarkiing konkolaachiftoonni appilikeeshinii moobaayiliitti fayyadamuun bakka konkolaataa dhaaban barbaaduu, konkolaataa dhaabuu fi tajaalila argataniifis karaa Teelee kaffaluuf kan oolu ta’uu dubbataniiru.
Tajaajilli Smaart Paarkiingii haala tiraafikaa sirreessuun gamatti yeroo fi boba’aa konkolaachiftoonni bakka konkolaataa dhaaban baraachuuf qisaasan guddaa akka hir’isu eeraniiru.
Tajaajila kana fuulduratti naannawoota biyyattii garagaraatti babal’isuuf akka hojjetan hojii raawwachiiftuun kun dubbataniiru.