Itoophiyaan kurmaa jalqabaa bara kanaatti Konfireesiiwwaan idil addunyaa 30 karaa milkii qabuun keessumeesiteetti.

Sadaasa 5/2017(TOI) - Itoophiyaan bara bajataa kana kurmaana jalqabaatti konfireesiiwwaan idil addunyaa 30 karaa milkaa'een keessumeesuu ishee Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbi himaan ministeera Dhimma Alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo hojiin dippilomaasii turbee kana hojjetamanii fi gara fuula duraatti hojii hojjetaman ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin; dippilomaasii konfiraansii, walga'ii ministirootaa foramii tumsa Ruusiyaa Afrikaa, dippilomaasii dinagdee fi dippilomaasii lammileerratti xiyyeeffate ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Haalumakanaan bara 2017 kurmaana jalqabaatti Itoophiyaan konfireesiiwwan idil addunyaa 30 ta'an karaa milkaa'aa keessuumeesuu ishee ibsaniiru.

Konfireesiiwwaan kun Itoophiyaan humna qabdu kan ittiin mul'ifte fi magaalaa Finfinnee konfireesiiwwaan idil addunyaa keessumeesuun jiddugala dippilomaasii fi turizimii ta'uu ishee kan mul'iste ta'uu ibsaniiru.

Waltajjiiwwan kana irratti Itoophiyaan galii turizimii fi maqaa gaarii ishee gabbifachuun cinaatti milkaa'ina misoomaa hunda galeessa ishee irratti muuxannoo qooduu ishees eeraniiru.

Keesaattu hoggantoonni biyyoota adda addaafi hoggantoonni dhabbilee garaagaraa yaa'ii idil addunyaa ''Addunyaa beelarra bilisaa'' irratti hirmaatan hojii misoomaa Itoophiyaa fi jijjirama hunda galeessa Itoophiyaan keessa jirtu daawwachuu beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015