Qaamolee sirna bulchiinsa sharafa alaa cabsuun seeraan alaa riifoormii gufachiisuuf yaalanirratti tarkaanfiin nifudhatama-Baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaa

Sadaasa 5/2017(TOI)-Mootummaan sirna bulchiinsa sharafa alaa seera qabsiisuuf  imaammataa fi hojmaata diriirsaa wayita jirutti qaamolee riifoormicha gufachiisuuf yaalan irratti tarkaanfii akka fudhatu bulchaan baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Maammoo Mihiratuu ibsan.

Itiyoophiyaatti hanqina sharafa alaa barootaaf turee fi hidda qabate dinagdee biyyatti guddaa qoraa akka ture niyaadatama.

Bulchaan Baankii biyyaalessaa Maammoo Mihiratuu TOItti akka himanitti, hojmaanni  badaa Baankichaa hidda gadifageeffate imaammataan jijjiirameera.

Baankichi qaamolee karaa seera qabeessaan sharafa alaa barbaadaniif dhiheessuu akka qaban eeranii, haata’u malee qaamoleen tokko tokko hojmaata sirrii hintaane wayita hordofan mul’ata jedhaniiru.

Baankichi sirna bulchiinsa sharafa alaa seera qabeessa akka ta’u riifoormiiwwan addaddaa raawwachuusaa dubbataniiru.

Rakkoo kana egereef furuuf imaammanni riifoormii dinagdee gooroo hojiirra ooluusaatiin sirni bulchiinsa sharafa alaa fooyyeffamuusaa ibsaniiru.

Alergitoonni ykn misoomsitoonni sharafa alaa yoo barbaadan hojmaanni karaa seera qabeessa ta’een baankotarraa itti argatan hojiirra ooleera jedhan.

Kana malees imalaa fi dhimmoota xixiqqoof sharafa alaa barbaadaniif eyyamni biiroo sharafa alaa lammiileen itti keessummeeffaman kennamuusaa eeraniiru.

Kaampaaniiwwan hawaalaa carraan karaa seera qabeessaan bittaa fi gurgurtaa sharafa alaarratti hirmaatan uumamuusaa ibsanii, sababni hojmaata seeraan alaa hordofuun barbaachisuuf akka hinjirre ibsaniiru.

Haata’u malee mootummaan carraalee kanneen hunda uumee osoo jiruu ammas qaamoleen karaa seraan alaa hordofuun riifoormicha gufachiisuuf yaalanirratti baankiin biyyaalessaa tarkaanfii fudhachuuf nidirqama jedhaniiru.

Riifoormiin dura garaagarummaan gatiin sharafa alaa idilee fi idileen alaa jidduu jiru dhibbantaa 97 ol akka ture yaadachiisanii, yeroo ammaa dhibbantaa 10 gaditti bu’eera jedhan.

Baankileen bittaa fi gurgurtaa sharafa alaa karaa seera qabeessaa raawwachuun ittigaafatamasaanii bahuu akka qaban hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015