Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa boba’aa Xiyyaaraa kaarboonii gadi lakkifamu hir’isu fayyadamuuf hojiitti galeera-Obbo Masfin Xaasoo

Sadaasa 5/2017(TOI)- Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa boba’aa Xiyyaaraa kaarboonii gadi lakkifamu hir’isu fayyadamuuf hojiitti galuusaa hojii raawwachiisaan olaanaa daandii qilleensichaa Obbo Masfin Xaasoo ibsan.

Waldaan geejjiba qilleensaa idil addunyaa(Ayaataa)karrboonii sababa geejjiba qilleensaatiin gadi lakkifamu hir’isuuf daandiin qilleensaa hundi A.L.A amma bara 2050tti  boba’aa Xiyyaaraa filmaata egeree qabu guutummaatti hojiirra akka oolchan kallattii kaa’eera.

Hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo TOIf akka ibsanitti, yeroo dhufu bu’aaleen teeknooloojii hedduun sektara Aviyeeshinii keessatti hojiirra kan oolan ta’a.

Kanneen keessaa kaarboonii sababa geejjiba qilleensaatiin gadi lakkifamu hir’isuuf boba’aa Xiyyaaraa filmaata egeree (Sustainable Aviation Fuel-SAF) tti fayyadamuun tokko akka ta’e ibsaniiru.

Haala Kanaan boba’aa kana mootummaan Itiyoophiyaa imaammanni biyya keessatti oomishuun danda’amuu qopheeffamaa akka jiruu fi qorannoon taasifamaa jiru jedhaniiru.

Yeroo itti aanu kaampaaniiwwan xiyyaara oomishan boba’aan Xiyyaaraa filmaataa kun faayidaarra akka oolu xiyyaarota kanaaf mijatan kan oomishan yoo ta’u, daandiin qilleensaa Itiyoophiyaas boba’aa kana baay’inaan fayyadamuuf hojiitti galuusaa ibsaniiru.

Kaampaaniin Ameerikaa tokko boba’aa kana Itiyoophiyaa keessatti oomishuuf qophii ga’aa taasisuusaa eeranii, daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa kaampaanicha waliin waliigaltee mallatteessuusaa beeksisaniiru.

Boba’aa Xiyyaaraa kaampaaniin kun oomishu daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa baay’inaan fayyadamuuf akka isa dandeessisu ibsaniiru.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa boba’aa kana Xiyyaarota muraasaan guutummaattii fi walakkeessaan faayidaarra oolchaa akka jiru eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015