Yakka Saayiberii waloon ittisuuf waliigalteen dandeesisu mallateeffame

Sadaasa 5/2017(TOI) - Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo fi Ministeerri Haqaa yakka Saayiberii waloon ittisuuf waliigaltee dandeesisu mallatteessan.

Waliigalteen kun bu'uuralee misooma tekinolojii odeeffannoo fi hojiirra oolmaa isaa, qorannoo yakka Kompitaraan raawwatamuu, odeeffannoo walitti qabuu fi adeemsa himannaa akkasuma qorannoo seeraa fi qophii wixinee seeraa dabalatee dhimmoota yakka saayiberii ittisuu qindoominaan hojjechuuf kan dandeesisudha jedhameera.

Waliigaltee kanas daarektarri olaantuu Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Tigist Hamdii fi Ministira Haqaa aadde Haannaa Arayaasillaasee mallatteessaniiru.

Biyya keenyaatti dijtaalaazeshiniin babal'achaa jirachuu hordofee yakki saayiberii baay'ee fi walxaxaa ta'e raawwatamuu fi gara fuula duraattis yaaddeessa waan ta'uu daarektarri Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Tigisit Hamdii beeksisaniiru.

Kanaaf akka biyyaatti humna yakka saayiberii ittisuu kana cimsuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Waliigalteen amma taasifame kunis qindoominaa jiru caalaatti cimsuun yakka saayibeerii hammattoo seeraa biyyaa amma jiru akkasuma qorannoo yaakka saayibeerii fi dhimmoota dijitaala foreensiik ilaallatan irratti deeggarsa barbaachisaa taasisuuf kan gargaarudha jedhaniiru.

 

 

 

 

 
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015