Godinichatti hojiin misooma Qamadii hojjetama jiru carraa hojii uumuu qofaa osoo hin taane eeggatummaas hambisaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti hojiin misooma Qamadii hojjetama jiru carraa hojii uumuu qofaa osoo hin taane eeggatummaas hambisaa jira.
Sadaasa 5/2017(TOI) - Godina Harargee bahaatti hojiin misooma Qamadii hojjetama jiru carraa hojii uumuu qofaa osoo hin taane eeggatummaas hambisaa jiraachuu Bulchituun Godinichaa beeksisan.
Godinichatti bara kana waqtii bonaa lafa heektaara kuma 130 irratti Qamadiin jallisiin kan misoomfamu ta'uu beeksisaniiru.
Bulchituun godinichaa aadde Miskii Mahaamad TOI'tti akka himanitti; godinichatti bara 2013 lafa heektaara 7 irraatti hojiin misooma qamadii kan jalqabame ta'uu eeranii yeroo ammaa misoomni kun sadarkaa olaanaan babal'achaa jira jedhaniiru.
Godinichatti hojiin misooma qamadii waqtii bonaa fi gannaa bal'inaan hojjetama jirachuu eeranii; kun hawaasa sagantaa seeftineetiin gargaarsa argatu dhibbeentaa 72 wabii nyaataan akka of danda'u taasiseera jedhaniiru.
Misooma qamadii kanarratti lakkoofsi dargaggoota hirmaatanii dabalaa jiraachuun babal'achuu misooma qamadiif carraa guddaa uumeera jedhaniiru.
Dabalataan ilaalchi qonnaan bultoonni qaban waan jijjirameef eeggatummaa irraa gara oomishitummaatti akka ce'aan gargaara jiras jedhaniiru.