Guyyaan saboota, sablamootaa fi uummatoota Itoophiyaa walitti dhufeenyi uummataa caalaatti akka cimu gahee olaanaa bahateera. - ENA Afaan Oromoo
Guyyaan saboota, sablamootaa fi uummatoota Itoophiyaa walitti dhufeenyi uummataa caalaatti akka cimu gahee olaanaa bahateera.
Sadaasa 5/2017(TOI) - Guyyaan saboota, sablamootaa fi uummatoota Itoophiyaa walitti dhufeenyi uummataafi uummataa caalaatti akka cimu akkasuma jaarsi sirna dimokiraasii akka aariifatu gahee olaanaa bahachuu Af-yaa'iin mana maree naannoo Kibba Itoophiyaa Tsahaay Warasoo beeksisan.
Af-yaa'iin mana maree naannoo Kibbaa Itoophiyaa Tsahaay Waraasoo fi af-yaa'ii mana maree sablamootaa naannichaa Adaamaa Timogaayee guyyaa saboota, sablamoota fi uummatoota Itoophiyaa 19ffaa naannichatti kabajamu ilaalchisuun ibsa kennan.
Af-yaa'iin mana maree naannoo Kibbaa Itoophiyaa Tsahaay Waraasoo guyyaan saboota, sablamootaa fi uummatoota Itoophiyaa kabajamuu isaatti bu'aa hedduun argameera jedhaniiru.
Ayyaanichi walitti dhifeenyi uummatoonni qaban caalaatti akka cimuu taasisuu fi ijaarsi sirna dimokiraasii akka ariifatu gahee olaanaa baheera jedhaniiru.
Naannichi bara kana sirna kabaja ayyaanicha keesumeesuuf dirqama erga fudhatee eegalee qophii adda addaa taasisaa jirachuu himaniiru.
Guyyichi naannoo kibba Itoophiyaa bakka jireenya saboota, sablamootaa fi uumatoonni hedduu keessa jiraatanitti kabajamuun isaa hiikka hedduu kan qabu ta'uu eeranii; naannicha beeksisuufis carraa guddaa kan uumudha jedhaniiru.
Af-yaa'iin mana maree sablamootaa naannichaa Adaamaa Timogaayee gama isaaniin ayyaanicha bifa o'aa ta'een kabajuuf hirmaanaa uummataa guddaa ta'ee fi hoggansaan xiyyeeffannoon addaa kennameef qophiin gahaan taasifama jira jedhaniiru.