Bulchaan bulchiinsa Jiyaangizuu Chaayinaa Shuu Kuliin baga gara yaadannoo Adwaa nagana dhuftan jechuun simanneerra-Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Bulchaan bulchiinsa Jiyaangizuu Chaayinaa Shuu Kuliin baga gara yaadannoo Adwaa nagana dhuftan jechuun simanneerra-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Sadaasa 5/2017(TOI)- Bulchaan bulchiinsa Jiyaangizuu Chaayinaa Shuu Kuliin baga gara yaadannoo Adwaa nagana dhuftan jechuun simanneerra jedhan Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.
Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa karaa fuula marsariitiisaanii dabarsaniin tumsa bal’isuu kan dandeessisuu fi hojiilee fayyadama waloorratti hundeeffamee fi akkaataa pirojektoota kaampaanii Jiyaangizuun magaalaa keenya keessatti hojjetamaa jiran hatattamaa fi qulqullinaan xumuruun danda,amurratti mari’anneerra jedhaniiru.