Ispoortiin Qaamaa fi sammuu gabbisuun gamatti duudhaa waloo cimsuuf faayidaa olaanaa qaba

Sadaasa 6/2017(TOI)- Ispoortiin Qaamaa fi sammuu gabbisuun gamatti tokkummaa sabdaneessummaa kan cimsu duudhaa gabbisuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu hoogganaan waajjira paartii badhaadhinaa damee naannoo Hararii Geetuu Wayyeessaa ibsan.

Hundeeffama waggaa shanaffaa Paartii badhaadhinaa ilaalchisuun maas Ispoortiin magaalaa Hararitti adeemsifameera.

Hoogganaan waajjira paartii badhaadhinaa damee naannoo Hararii Geetuu Wayyeessaa wayita kana akka jedhanitti, hawaasni eenyummaansaa Ispoortiin gaabbifame dinagdee fi hawaasummaa keessatti hirmaannaa cimaa gochuu nidanda’a.

Ispoortiin Qaamaa fi sammuu gabbisuun gamatti tokkummaa sabdaneessummaa kan cimsu duudhaa gabbisuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.

Hirmaattonni maas Ispoortii kunneenis Ispoortiin qaamaa fi sammuu gabbisuun alatti walitti hidhamiinsa hawaasummaa cimsuuf akka dandeessisu himaniiru.

Ispoortii aadaa godhachuun yeroo hunda hojjechuun akka barbaachisus hubachiisaniiru.

Hooggantoonni naannichaa Ispoortii kanarratti hirmaachuusaanii odeeffannoon waajjira dhimmoota komunikeeshinii naannichaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015