Konfaransiin ministiroota Afriikaa qilleensa naannawaarratti xiyyeeffate kan Itiyoophiyaan dura teessuu ta’uun gaggeessituu Azarbaajaan Baakuutti adeemsifamaa jira

Sadaasa 8/2017(TOI)- Konfaransiin ministiroota Afriikaa qilleensa naannawaarratti xiyyeeffate kan Itiyoophiyaan dura teessuu ta’uun gaggeessituu Azarbaajaan Baakuutti adeemsifamaa jira.

Konfaransii yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 29ffaa(COP29) kan ministira pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaatu dura taa’ummaa gaggeessaa jira.

Ministiroonni Afriikaa, ogeeyyonnii fi tumsitoonni misoomaa konfaransii kanarratti hirmaataniiru.

Dhimmoonni qilleensa naannawaa ijoo, marii jijjiirama haala qilleensaa fi xiyyeeffannoowwan ijoo misooma egeree Afriikaa irratti konfaransii Kanaan mariin akka taasifamu ibsameera.

Hojiiwwan garee mari’attootaa, qooda Afriikaanonni jijjiirama haala qilleensaa fi qu’annoo aayinsiitiin qaban fi konfaransii qilleensa naannawaa ministiroota Afriikaa 20ffaa irratti ajandaawwan marii ta’uusaanii odeeffannoon ministeera pilaanii fi misoomaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015