Itiyoophiyaan fedhii fi faayidaa Itiyoophiyaa egeree sadarkaa idil addunyaatti mirkaneessuuf adda durummaan qoodashee bahuu ittifufti-Dr. Fitsum Asaffaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan fedhii fi faayidaa Itiyoophiyaa egeree sadarkaa idil addunyaatti mirkaneessuuf adda durummaan qoodashee bahuu ittifufti-Dr. Fitsum Asaffaa
Sadaasa 9/2017(TOI)- Itiyoophiyaan fedhii fi faayidaa Itiyoophiyaa egeree sadarkaa idil addunyaatti mirkaneessuuf adda durummaan qoodashee bahuu akka ittifuftu ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaaibsan.
Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 29ffaa (COP 29) Azarbaajaan Baakuutti ittifufeera.
Yaa’iin ministiroota naannawaa Afriikaa Itiyoophiyaan dura taa’ummaan gaggeessiste taa’ameera.
Ministiroonni Afriikaa, Mari’attoonnii fi ogeeyyonni haala qilleensaa marii kanarratti hirmaataniiru.
Yaa’ii ministirootaa kana kan gaggeessan ministirri pilaani fi misoomaa Dr. Fitsuma Asaffaa mariin kun dhimmoota marii yaa’ii COP torbee lammaffaarratti dhihaataniif yaanni marii kan irraa argame ta’uu ibsaniiru.
Waliigalteen Ejjennoo walfakkaataa wal sime COP 29 irratti calaqqisiisu irra gahamuu fi marii idil addunyaa ajandaawwan Afriikaa calaqqisiisuu danda’u gaggeessummaa ga’oomaa akka bahan waamichi dhihaachuu himaniiru.
Guyyaa fi biyya yaa’iin ministirootaa 20ffaa wagga dhufu itti adeemsifamu murteessuuf mariin taasifamuus eeraniiru.
Mirgaa fi faayidaalee Afriikaa mirkaneessuuf tumsii fi tokkummaan cimaan akka barbaachisu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan faayidaa fi fedhii Afriikaa egeree sadarkaa idil addunyaatti mirkaneessuuf caarraaqqii taasifamu keessatti qooda aadda durummaa bahachuu akka itti fufutu himaniiru.
Yaa’iin ministirootanaannawaa Afriikaa milkaa’inaan xumuramuusaa odeeffannoon ministeera pilaanii fi misoomaarraa argame nimul’isa.