Itoophiyaan yaa'ii idil addunyaa Tumsa Misooma Magariisaa idi Addunyaa(P4G) bara 2027 geggeeffamu akka keessumeesitu filamte. - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan yaa'ii idil addunyaa Tumsa Misooma Magariisaa idi Addunyaa(P4G) bara 2027 geggeeffamu akka keessumeesitu filamte.
Sadaasa 9/2017(TOI) - Itoophiyaan yaa'ii idil addunyaa tumsa misooma magariisaa idi addunyaa(P4G) bara 2027 geggeeffamu akka keessumeesitu filamte.
Ministir deetaan ministira pilaanii fi misoomaa obbo Siyyum Mokonniin daarekatara Tumsa Misooma Magariisaa idil addunyaa Roobiin Makigikiin waliin mari'achuu isaanii Odeeffannoon Ministeera Pilaanii fi Misoomaarra argame ni mul'isa.
Mariin kun yaa'ii idil adunyaa COP29 Azerbaajaan Baakuutti geggeeffama jiru cinaatti kan geggeeffame yoo ta'u; qormataawwan jijjirama qilllensaan dhufan qolchuuf tattaaffii taasifamu keessatti gara damee dhuunfaan gaheewwan gaarii dhufan irratti kan xiyyeeffatedha jedhameera.
Ministir deetaan kun gama kanaan Tumsi Misooma Magariisaa idil Addunyaa (P4G) hojii gama kanaan hojjecha jiruuf galateeffataniiru jedhameera.
Sadarkaa idil addunyaatti dhiibbaa jijjira qilleensaa ittisuuf deeggarsa taaisuuf tumsa biyyoonni qaban akka cimu taasisuu kan kaayyeeffate Tumsi Misooma Magariisaa Idil Addunyaa(P4G) yaa'ii idil addunyaa bara 2027 geggeesuu Itoophiyaan akka keesumeesitu filatamuun eerameera.
Murten kunis Itoophiyaan damee misooma magariisaa waaraa irratti tumsi idil addunyaa akka cimu gahee bahachaa jirtuuf beekamtii kan kennedha jedhameera.