Yuunivarsiitiin Jinkaa mala nyaata beelladaa biyyoo malee oomishuun danda'amu ifoomse. - ENA Afaan Oromoo
Yuunivarsiitiin Jinkaa mala nyaata beelladaa biyyoo malee oomishuun danda'amu ifoomse.
Sadaasa 11/2017(TOI) - Yuunivarsiitiin Jinkaa mala nyaata beelladaa biyyoo malee guyyoota 10 keessatti oomishuun danda'amu ifoomse.
Itti aanaan Pirezidaantii Yuunivarsiiticha doktar Alamuu Aylaatee akka ibsanitti; 'Haayidiroopaanikii Foodar' ykn Biyyeen ala nyaanni beelladaa oomishamu oomishitummaa aannanii dachaan kan dabaludha.
Malli biyyee malee nyaata beelladaa oomishuu kun Itoophiyaatti kan hin baramnee fi biyyoota aadunyaa baay'inaan muraasa ta'anitti kan hojiirra oolaa jirudha jedhaniiru.
Yeroo ammaa lafti oomisha nyaata beelladaaf ooluu harki caalaan misooma midhaaniif oolaa jirachuu eeranii; malli kun rakkoo hanqina dhiheesii nyaata beellada sababa kanaan mudatu kan furudha jedhaniiru.
Malli nyaata beelladaa biyyee malee oomishuu kun keessattu naannawwa magaalaatti mala filatamaadha jedhaniiru.
Yuunivarsiitichatti qorataa nyaata beelladaa kan ta'an Nagaasaa Gashuu gama isaaniin nyaanni beelladaa biyyee malee oomishamu qabiyyeen Viitaaminii fi Pirotiinii isaa kaan irra kan fooyyee qabudha jedhaniiru.
Malli kun keessattu bakka hanqinni bishaanii jirutti nyaata beelladaa oomshuuf tekinolojii filatamaa ta'uu eeranii jallisiidhaan nyaata beelladaa kiiloo tokko oomishuuf jiddugalaa bishaan liitira 90 kan barbaadu yoo ta'u mala biyyee malee nyaata beelladaa oomshuun immoo nyaata beelladaa kiiloo tokko oomishuuf jiddugaleessan bishaan liitira 2 qofaa hojiirra kan oolfamu ta'uu himaniiru.
Mala biyyee malee nyaata beelladaa oomishuu kanaan guyyoota 7 hanga 10 keessatti oomishuun akka danda'u himanii; jallisiin garuu guyyaa 70 fudhata jedhaniiru.
Malli nyaanni beelladaa biyyee malee itti oomishamu kanaan waggaa guutuu nyaata beelladaa magariisa oomishuun kan danda'amuu yoo ta'u jijjirama qilleensaas damdamachuu kan danda'u tekinolojii ammayyaa milkaa'aa ta'edha jedhaniiru.
Hojii Yuunivarsiitichi tekinolojii kana beeksisaa jiru irratti qonnaan bultoonni adda duree fi ogeeyyoonni godina Arrii fi Gaamoo kibbaarra walitti dhufan hirmaataniiru.