Magaalaa keenyaa fi naannawwaa keenya jireenyaaf mijataa fi qulqulluu akka ta'uf hojiin hojjechuu jalqabne bu'aa buusuu eegaleera.

Sadaasa 12/2017(TOI) - Magaalaa keenyaa fi naannawwaa keenya jireenyaaf mijataa fi qulqulluu akka ta'uf hojiin hojjechuu jalqabne bu'aa buusuun magaalaa Finfinnee qulqulluu taasisuu dandeenyerra jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee.

Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii qoodaniin hundeeffama Paartii Badhaadhina waggaa 5ffaa sababeeffachuun har'a ganama sadarkaa magaalaa Finfinneetti naannoo qulqulleesineerra.

Magaalaa keenyaa fi naannawwaa keenya jireenyaaf mijataa fi qulqulluu akka ta'uf hojiin hojjechuu jalqabne bu'aa buusuu eegalee magaalaa Finfinnee qulqulluu taasisuu dandeenyeerra jedhaniiru.

Gara fuula duraattis naannawwa hojiin qulqullina itti hojjetame kununsuu fi eeguu akkasuma qulqullina aadaa godhachuun karaa itti fufinsa qabuun naannawwaa kenya haa qulqulleesinu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015