Obbo Aganyoow Tashaagar qophii kabaja ayyaana guyyaa saboota, sablamootaa fi uummatoota Itoophiyaa ilaaluuf magaalaa Arbaaminici dhaqan.

Sadaasa 12/2017(TOI) - Af-yaa'iin mana maree Federeshinii Aganyoow Tashaagar qophii kabaja ayyaana guyyaa saboota, sablamootaa fi uummatoota Itoophiyaa 19ffaa magaalaa Arbaamincitti kabajamuu ilaaluuf magaalaa Arbaaminici dhaqan.

Obbo Aganyoo Tashaagar yeroo isaan buufata xiyyaaraa Arbaaminic gahan pirezidaaniin naannoo Kibba Itoophiyaa obbo Xilahuun Kabbadaa fi hoggantoonni naannichaa biroon akkasuma jarsoliin Gaamoo simataniiru.

Jilli obbo Aganyoo Tashaagarin durfamu kun qophii duraa naannoon Kibba Itoophiyaa guyyaa saboota, sablamootaa fi uummatoota Itoophiyaa gamaggamuun kallatti ni kaa'a jedhamee eeggama.

Guyyaan saboota, sablamootaa fi Uummatoota Itoophiyaa 19ffaan mata duree ''Waliigaltee biyyaalessaa tokkummaa sabdaneesummaaf'' jedhuun naannoo Kibba Itoophiyaa magaalaa Arbaaminic kan kabajamu ta'uu odeffannoon Mana Maree Federeshinii irraa argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015