Baatiin nageenya Saayibarii yeroo shanaffaaf kabajame milkaa’inaan xumurameera

Sadaasa 12/2017(TOI)- Baatiin nageenya Saayibarii yeroo shanaffaaf kabajame milkaa’inaan xumuramuusaa bulchiinsi nageenya neetwoorkii odeeffannoo  beeksise.

Baatiin nageenya Saayibariibiyyaalessaa 5ffaan xumuramuu sababeeffachuun bulchiinsichi miidiyaaleef ibsa kenneera.

Ittaanaan daarektara olaanaa bulchiinsichaa Daani’eel Guutaa ibsa kennaniin, nageenya Saayibarii mirkaneessuuf akka biyyaatti xiyyeeffa
nnoo guddaan hojjetamaa jira.

Baatiin nageenya Saayibarii hubannoo nageenya Saayibarii dhaabbilee fi hawaasummaa guddisuuf murteessaa waan ta’eef gama Kanaan hojiin milkaa’aan hojjetameera jedhan.

Baatii nageenya Saayibarii baatii Onkoloolessaa adeemsifameen dorgommiin fiilmii gabaabaa nageenya Saayibariin walqabatan adeemsifamuusaa ibsaniiru.

Dorgommii Kanaan kanneen sadarkaa 1ffaa amma 3ffaatti bahaniif walduraa duubaan birrii 50 amma kuma 200tti badhaafamuunsaanii eerameera.

Baatiin nageenya Saayibarii biyyaalessaa 5ffaan kaayyoo barbaadame milkeessuudhaan bu’a qabeessa ta’uusaa ibsaniiru.

Baatiin nageenya Saayibarii mata duree “nageenyi bu’ura misoomaa ijoon birmadummaa dijitaalaaf”jedhuun Onkoloolessa 1 amma 30 bara 2017tti sagantaawwan addaddaatiin kabajamuunsaa niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015