Cehumsi caasaa dijitaalaa Afriikaa akka mijatu Itiyoophiyaan kutannoon hojjechaa jirti - ENA Afaan Oromoo
Cehumsi caasaa dijitaalaa Afriikaa akka mijatu Itiyoophiyaan kutannoon hojjechaa jirti
Sadaasa 12/2017(TOI)- Cehumsi caasaa dijitaalaa Afriikaa akka mijatu Itiyoophiyaan kutannoon hojjechaa akka jirtu ministirri Inniveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa ibsan.
Walgahiin bulchiinsa Intarneetii Afriikaa 13ffaan mata duree “Afriikaa dijitaalaa dhugoomsuuf qooda fudhattoota hundagaleessa ijaaruu” jedhuun mootummoota gamtoomaniitti komishinii dinagdee Afriikaatti adeemsifamaa jira.
Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa wayita kana akka jedhanitti, Afriikaatti guddina dinagdee hunda hammatuu fi ittifufaa ta’e fiduuf babal’inni Intarneetii murteessaadha.
Bulchiinsi Intarneetii Afriikaa guddina dinagdee hunda hammataa fi ittifufaa ta’e galmeessisuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Intarneetiin tajaajiloota ummataa akka fayyaa, barnootaa, qonnaa fi kanneen kana fakkaatan mijeessuudhaan qooda murteessaa akka qabu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan hojiirra oolmaa bulchiinsa Intarneetii Afriikaa fi cehumsi dijitaalaa akka dhugoomu kutannoon hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.
Mootummoota gamtoomaniitti barreessaan olaanaa komishinii dinagdee Afriikaa Kilaaver Gateetee gamasaaniin, cehumsi caasaa dijitaalaa guddina waliigalaaf bu’ura ta’uu kaasaniiru.
Afriikaatti namoonni miiliyoona 800 caalan Intarneetii fayyadamaa akka hinjirre eeranii, teeknooloojii dijitaalii Afriikaa fi cehumsa dijitaalaa dhugoomsuuf tumsaan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.