Manni Maree Ministirootaa walgahii idilee 40ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota adda addaa irratti mari’atee murtee dabarseera. - ENA Afaan Oromoo
Manni Maree Ministirootaa walgahii idilee 40ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota adda addaa irratti mari’atee murtee dabarseera.
Sadaasa 12/2017 (TOI) - Manni Maree Ministirootaa walgahii idilee 40ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota adda addaa irratti mari’atee murtii dabarseera.
Murteewwan Mana Maree Ministirootaatiin dabarsan;
1. Jalqaba irratti manni marichaa hammatoo dinagdee gooroo fi fisikaalaa bara giddu galeessaa (2017-2021) irratti mari’ateera.
Hammattoon kunis hojiirra oolmaa riifoormii dinagdee gooroo fi riifoormii imaammata maallaqaa mootummaa fi fiiskaalaa hojiirra oolchuuf, baajata dabalataa fi baasii mootummaa federaalaa bara 2017 sirreessuuf ka’umsa ta’uun kan tajaajilu yoo ta’u , fooyya'insa diinagdee gooroo xiinxalamuun fooyya’ee akka dhiyaate eerameera.
Manni marichaa marii bal’aa erga irratti taasiseen booda hammatoon kun hojiirra akka ooluuf sagalee guutuun murteesseera.
2. Itti aansuun manni marichaa labsii sirreeffama baajata dabalataa fi baasii mootummaa federaalaa irratti mari'ateera.
Sirreeffamni baajata dabalataa fi uwwisa baasii dandeettii faayinaansii mootummaa fi galii eegamu tilmaama keessa galchuun, yaada baajata dabalataa fi ilaalcha baasii tilmaama keessa galchuun kan qophaa’e yoo ta’u, kunis hammatoo dinagdee gooroo fi faayinaansii yeroo giddugaleessaa bara 2017-2021 fooyya’e hojiirra oolchuuf kan dandeessisu ta’uu ibsameera.
Haaluma kanaan baasii idilee fi uwwisa baasii sirreessuuf kan oolu baajanni dabalataa Birri biiliyoona 500 fi biiliyoona 80 fi miiliyoona 900 fi miiliyoona 82 fi kuma 300 ol Mana marichaaf dhiyaateera.
Manni marichaas baajata dabalataa bara 2017 dhiyeetee fi labsii sirreeffamaa baajataa fi baasii irratti mari’achuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka qajeelu sagalee guutuun murteesseera.
Manni marichaa labsii sirreeffama baajata dabalataa fi sirreeffama baasii mootummaan federaalaa bara baajataa 2017 dhiheesse irratti erga mari’atee booda galtee itti dabaluun mana maree bakka bu’oota uummataaf akka dabarsu sagalee guutuun murteesseera.
3. Itti aansuunis Manni Marichaa wixinee labsii Inistiitiyuutii Ogeeyyii Herregaa Itoophiyaa Ga’umsi Isaanii Mirkanaaeerratti mari’ateera.
Inistiitiyuutichi ogeessota gahumsa qaban baay’inaan oomishuun sirna gabaasaa fi dhiheessi faayinaansii dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa keessatti qopheessuu keessatti gumaacha guddaa qaba.
Manni marichaa wixinee labsii kanarratti marii bal’aa erga taasisee booda galtee itti dabaluun gara Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti akka dabarsu sagalee guutuun murteessee jira.
4. Labsiin qabisaa fi dhabamsiisaa balfa jajjaboo dhimma biroo manni marichaa irratti mari’atedha.
Dhiibbaa fi miidhaa balfi jajjaboo naannoo, nageenyaa fi fayyaa ummataa irratti geessisaa jiru ittisuu fi to’achuuf, hojii 'Green Legacy' fi misooma koridoorii waggoota darban hojjetaman bu'a qabeessa ta'anii akka itti fufan taasisuuf, Nageenyaa hawaasaa fi miidhagna magaalaa irratti miidhaa geesisaa kan jiru oomishaalee pilaastikoota yeroo tokko qofaaf tajaajila kennan gara biyya akka hin galle dhorkuu, hawaasaa fi qooda fudhatoota karaa hirmaachiseen balfa ajajjaboo walitti qabuu sirna dandeesisu diriirsuuf uumuu hammattoon seeraan kun qophaa'e mana marichaaf dhihaachuun himameera.
Manni marichaas marii bal’aa erga irratti taasisee booda wixinee kana mana maree bakka bu’oota uummataaf akka dabarfamuu sagalee guutuun murteessee jira.
5. Dhimmi biraan manni marichaa irratti mari'atee murteesse dambii Hundeeffama Komishinii Haaromsa Biyyaaleessaa fooyyessuuf bahedha. Dhaabbatichi dirqamaa fi itti gaafatamummaa seeraan kenname karaa sirrii akka ba’atuuf dambii hundeeffama fooyyessuun barbaachisaa ta’ee waan argameef, dambiiwwan qophaa’anii mana marichaaf dhiyaataniiru.
Dambii kanarratti marii bal’aa erga taasisee boodas, guyyaa Gaazexaa Federaalaa 'Negaarit Gaazexaa' irratti maxxanfame irraa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteessee jira.
6. Manni marichaa wixinee labsii daangaa, misooma, kunuunsaa fi itti fayyadama qaamolee bishaanii irrattiS mari’ateera.
Miidhaa qarqara qaamota bishaanii biyya keenyaa irra ga’aa jiru ittisuuf qarqara bishaanii eeguu fi itti fufiinsaan misoomsuu, kunuunsuu fi eeguun tajaajila sirna ikoo bishaanii fooyyessuu qofa osoo hin taane, hawaasni naannawwaa fayidaa hawaasawummaa fi dinagdee akka irraa argatu waan gargaaruuf labsichi qophaa’ee mana marichaaf dhiyaateera.
Manni marichaas marii bal’aa erga irratti taasiseen booda wixinee kana mana maree bakka bu’oota uummataaf akka dabarfamuu sagalee guutuun murteessee jira.
7. Dhumarratti manni marichaa wixinee labsii Hundeeffama Mana Maree Olaanaa Raawwachiisa bulchiinsa qabeenya bishaanii dhiyaaterratti mari’ateera
Wixineen dhiyaate galteewwan barbaachisan dabalamuun Mana Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.