Mootummaan naannoo Oromiyaa gocha hammeenyaa shororkeessitoonnii fi gareen finxaaleyyii namoota nagaarratti raawwatan balaaleffate - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan naannoo Oromiyaa gocha hammeenyaa shororkeessitoonnii fi gareen finxaaleyyii namoota nagaarratti raawwatan balaaleffate
Sadaasa 12/2017(TOI)- Mootummaan naannoo Oromiyaa gocha hammeenyaa shororkeessitoonnii fi gareen finxaaleyyii namoota nagaarratti raawwatan balaaleffate
Hoogganaan biiroo komunikeeshinii naannoo Oromiyaa obbo Hayiluu addunyaa ibsa haala yeroo naanichaarratti xiyyeeffate kennaniiru.
Ajjeechaan gara jabinaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraatti garee finxaaleyyiin raawwatame gocha balaaleffamudha jedhan ibsa kennaniin.
Gareen Shororkeessaa Shanee fi finxaalessaan Faannoo afaan garagaraa haadubbataniyyuu malee gochisaanii tokko ta’uu ibsanii, gareewwan kunneen ummata jidduutti shakkiin akka uumamu gocha saalfachiisaa raawwachaa akka jiran dubbataniiru.
Shororkeessaan garee Shanee gocha naannawoota naanichaa garagaraatti raawwatuun nageenyi ummataa balaarra akka bu’uu fi misoomni akka gufatu taasisa akka jiru ibsaniiru.
Finxaalessaan Faannoo bakkeewwan naannoo Oromiyaa fi Amaaraa daangessanitti namoota nagaarratti miidhaa geessisaa akka jiru ibsa Kanaan kaasaniiru.
Gocha gara jabinaa gareewwan Kanaan raawwatamu mootummaan naannichaa balaaleffachuun nageenya lammiilee eegsisuuf tarkaanfii seera kabachiisuu fudhachaa akka jiru eeraniiru.
Mootummaan naannichaa humnoota nageenyaa federaalaa waliin ta’uun shororkeessaa Shaneerratti tarkaanfii walirraa hincinne fudhachaa akka jiru eeranii, miseensonni garichaa karaa nagaa filatan harka kennachaa akka jiran ibsaniiru.
Ummanni gareewwan shororkeessaa fi Finxaaleyyii afaansaanii malee gochisaanii tokko ta’e kana dhabamsiisuuf waliin akka dhaabatu ergaa dabarsaniiru.