Bulchiinsi magaalaa Finfinnee daldaltoota Markaatoo suuqiin jalaa gubate yeroof bayyanachiisuuf birrii miiliyoona 20 deeggare

Sadaasa 13/2017(TOI)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee daldaltoota Markaatoo sababa balaa ibiddaatiin suuqiin jalaa gubate yeroof bayyanachiisuuf birrii miiliyoona 20 deeggareera.

Kantiibaa Adaanech Abeebee sagantaa kanarratti haasawa taasisaniin, naannawichi sadarkaasaa eeggatee amma ijaaramutti daldaltoota suuqiin jalaa gubateef bakki itti hojjetan yeroo gabaabaatti ijaaramee akka xumuramu deeggarsa birrii miiliyoona 20 malees akaakuu fi teekiniikaan deeggarsa nitaasifna jedhaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa muddama naannawa kana jiru egereef furuun, daandii konkolaataa hojjechuun akkasumas balaaf akka hinsaaxilletti egereef aksiyooniin gurmaa’anii jiddugaleessa gabaa sadarkaasaa eeggate akka ijaarratan deeggarsa barbaachisu hunda akka taasisu kantiibaa Adaanechi dabalanii ibsaniiru.

Bakka bu’oonni daldaltootaa deeggarsicha fudhatan gamasaaniin, deeggarsaa fi hordoffii bulchiinsi magaalaa guyyaa balaan kun mudatee kaasee taasisaniif galateeffatanii, deeggarsichi dafanii hojii akka jalqaban kan isaan taasisu ta’uu dubbachuusaanii odeeffannoon waajjira kantiibaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015