Tumsi ministeera fayyaa fi baankii addunyaa ajandaa sektara fayyaa hatattamaa tarkaanfachiisuu danda’eera-Gr. Maqdas Dhaabaa

Sadaasa 13/2017(TOI)- Tumsi ministeera fayyaa fi baankii addunyaa ajandaa sektara fayyaa hatattamaa tarkaanfachiiseera jedhan ministirri fayyaaDr. Maqdas Dhaabaa.

Ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa Kaantirii daarektaraa baankii addunyaa fi garee jilasaanii waliin sektara fayyaatiin tumsaan haala hojjechuu danda’anirratti mari’ataniiru.
 

Itiyoophiyaan weerara Koovidii fi yeroo walitti bu’iinsaas taanaan deeggarsi baankii addunyaa akka irraa hincinne kaasanii tumsi ministeera fayyaa fi baankii addunyaa hatattamaan fuulduratti tarkaanfachiisuusaa ministirittiin marii kanarratti ibsaniiru.

Pirojektoota gurguddoo baankii addunyaa waliin hojjetamaa jiran dabalatee hojiilee sektara fayyaan hojjetamaa jiran si’achiisuuf qophaa’ummaa jiru ibsanii, gama Kanaan deeggarsi baankiin addunyaa Itiyoophiyaaf taasisaa jiru cimee akka ittifufu gaafataniiru.
 

Dhukkuboota daddarboo hintaane ittisuu fi to’achuurratti tumsaan hojjechuun haala danda’amurratti kan mari’atan yoo ta’u, weerara busaa to’achuuf baankii addunyaa waliin hojjechuuf waliigalteerra gahamuu de’eetaan ministira fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa ibsaniiru.

Ministeerri fayyaa keessumaa fayyaa haadholii fi daa’immanii gama fooyyessuutiin bu’aa agarsiise kan dinqisiifatan kaantirii daarektariin baankii addunyaa Maariiyaam Saaliim, Itiyoophiyaan sektara fayyaatiin biyyoota baha Afriikaaf fakkeenya akka taate dubbataniiru.
​​​​​​​

Dabalataanis inshuraansii fayyaa, talaallii, pirojektii qulqulluu,dhiheessii dawaa fi oomisha dawaa biyya keessaa guddisuurratti mari’ataniiru.

Gareen jilaa kun pirojektii babal’isa hoospitaala Qiddus Phaawuloos, fi deeggarsa baankii addunyaatiin ijaaramaa kan jiru laaboraatorii abbaa taayitaa to’annoo nyaataa fi dawaa daawwachuusaanii odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015