Yaa'in bulchiinsa Intarneetii Afrikaa 31ffaan Finfinneetti taa'amaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Yaa'in bulchiinsa Intarneetii Afrikaa 31ffaan Finfinneetti taa'amaa jira.
Sadaasa 13/2017(TOI) - Yaa'iin bulchiinsa Intarneetii Afrikaa 13ffaan mata duree “Building our Multistakeholder Digital Future” jedhuun Finfinnee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti galma Komishiinii Dinagdee Afrikaatti (UNECA) ta'aama jira.
Yaa'ichi guyyoota lamaaf geggeeffama kan jiru yoo ta'u; Artefishaal Intalajensii, Pirotokoolii daldalaa dijitaalaa Afrikaa ajandaa haqa daataa Afrikaa waliin qindeesuun, bulchiinsa marsariitii, imaala ce'umsa dijitaalaa dargaggootaa hogganuu, Afrikaatti deebii sirna koorniyaa, imaammata nageenya saayiberii, yakka saayiberii fi kanneen biroo irratti mari'ateera.
Yaa'ii kanarratti hirmaachaa kan jiran Ministir deetaan Ministira Tekinolojii fi Innooveshinii doktar Ishiruun Alamaayyoo marii kanarratti Itoophiyaan Artefishaal Intalajensiif xiyyeeffannoo kennitee hojjecha jiraachuu fi Afrikaanonni Artefishaal Intalajensiif xiyyeeffannoo adda kenninee hojjechuu qabna jedhaniiru.
Itoophiyaatti hojiin Artefishaal Italajeensiin hojjetama jiru jajjabeessa ta'uu eeranii; kana caalaatti cimsuuf xiyyeeffannoon hojjetama jira jechuu isaanii Odeeffannoon Minsteera Tekinolojii fi Innoveeshinii irraa argame ni mul'isa.