Itiyoopiyaa fi Chaayinaan tumsa gama leenjii teekniikaa fi ogummaan qaban cimsuuf waliigaltee mallattessan

Sadaasa 13/2017(TOI)- Itiyoopiyaa fi Chaayinaan tumsa gama leenjii teekniikaa fi ogummaan qaban cimsuuf waliigaltee mallattessaniiru.

Itiyoophiyaan yaa’ii misooma teekiniikaa fi ogummaa Chaayinaatti taa’amaa jirurratti hirmaachaa jirti.

Ministirri hojii fi ogummaa Nufariyaat Kaamiil yaa’ichaan cinaatti Itiyoophiyaa fi Chaayinaan waiigaltee tumsa gama leenjii teekniikaa fi ogummaan qaban cimsuu dandeessisu mallatteessuusaanii ergaa fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin ibsaniiru.

Waliigalteen gamlamee kun gama leenjii teekniikii fi ogumman tumsa uumuun lammiilee ga’oomsuun, hariiroo ummattoota jidduutti cimsuu fi fayyadama waloorratti bu’uureffachuun misooma dinagdee fi hawaasummaa guddisuuf  kan akeekkatedha jedhaniiru.

Waliigalteen ministeera barnootaa Chaayinaa waliin taasifame qaama beelt fi rood fi hariiroo Chaayinaa-Afriikaa sadarkaa olaanaatti ceesisuu kan dandeessisu  ta’uu himaniiru.

Waliigalteen kun tumsa biyyoota lamaanii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuu kan dandeessisu akka ta’es ministirittiin dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015