Konfireensiichi Itoophiyaan of bira dabartee nageenya naannawwa fi addunyaa keessatti gamaacha taasistu kana mul'isudha. - ENA Afaan Oromoo
Konfireensiichi Itoophiyaan of bira dabartee nageenya naannawwa fi addunyaa keessatti gamaacha taasistu kana mul'isudha.
Sadaas 13/2017(TOI) - Konfireensiin nageenyaa Afrikaa magaalaa Finfinneetti geggeeffamuuf jiru Itoophiyaan of bira dabartee nageenya naannawwa fi addunyaa keessatti gamaacha taasisa jirtu kana itti mul'istu ta'uu Ministirri Nageenyaa beeksise.
Ministirri nageenyaa Konfireensii mata duree ''Afrikaa badhaatee fi nagaa ni ijaarra'' jedhuun sadaasa 16 hanga 17/2017'tti Finfinneetti geggeeffamuuf jiru ilaachisuun ibsa kenneera.
Ibsicha kan kennaan Ministir deetaan Ministira Nageenyaa doktar Kayiradiin Tazarraa konfireensii sadarkaa ardiitti qophaa'e kanarratti ministiroonni biyyoota Afrikaa adda addaa dabalatee namoonni 400 ol kan irratti hirmaatan ta'u ibsaniiru.
Dhimma nageenyaa fi tasgabbii Afrikaarratti kan mari'atamuu fi biyyoonni muuxannoo isaanii kan dhiheessan ta'uu ibsanii; gumaacha Itoophiyaa nageenya addunyaaf baates ni dhihaata jedhaniiru.
Itoophiyaan, Koongootti, Ruwaandaatti, Sudaanitti akkasuma Somaaliyaatti nageenya eegsisuu keessaatti hirmaachuun nageenya Afrikaaf gumaacha olaanaa bahuu eeraniiru.
Dabalataan Kooriyaatti ergama nagaa kabachiisuu karaa gahumsa qabuun raawwachuu himanii; Afrikaa qofaatti osoo hin taane nageenya addunyaaf gumaacha olaanaa bahachuu ishee ibsaniiru.
Erga nagaa kabachiisuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti si'oominaan hirmaachuun nageenyaa fi tasgabbii addunyaaf gumaacha taasisaa jiraachuu ishees ibsaniiru.
Itoophiyaan Komishiinii Marii Biyyaalessaa hundesuun ijaarsa mootummaa biyyaalessa haqa qabeessaf taattaffii taasisaa jirtu irratti muuxannoo ishee warra kaaniif ni qoodi jedhaniiru.