Itiyoophiyaan tumsa dippilomaasii fi dinagdee Romaaniyaa waliin qabdu cimsuuf fedhii qabdi-ambaasaaddar Tsaggaa’aab Kibaboo

Sadaasa 13/2017(TOI)- Itiyoophiyaan tumsa dippilomaasii fi dinagdee Romaaniyaa waliin qabdu cimsuuf fedhii akka qabdu Romaaniyaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Tsaggaa’aab Kibaboo ibsan.

Ambaasaaddar Tsaggaa’aab hooggantoota Romaaniyaa garagaraa waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaaddarichi ministeera dhimma alaatti daarektarri Afriikaa fi jiddugaleessa bahaa Valentiinaa Buudaa waliin marii taasisaniin, hariiroo bara dheeraa biyyoota lamaanii caalaatti gabbisuun haala danda’amurratti yaada wal jijjiiraniiru.

Dhaabbileen ministeera dhimma alaa Itiyoophiyaa fi Romaaniyaa marii siyaasaa irra deebi’anii jalqabuuf walii galteerra ga’ameera.

Ambaasaaddar Tsagga’aab ministeera hojii fi eegumsa hawaasummaa Romaaniyaatti daarektara dhimmoota Awurooppaa fi hariiroo idil addunyaa Jeneraal Liiyaanaa Mosteneskuu waliin marii taasisaniin waliigalteen hojii gamlamee hatattamaan xumuramee hojiitti akka galamu waliigalaniiru.

Dabalataanis barreessaa olaanaa mana marii daldalaa fi industiriiOviidii Lo’aan Siilaagii waliin mari’ataniiru.

Manneen marii daldalaa biyyoota lamaanii walitti fiduun baay’ina waljijjiirraa daldalaa fi Invastimantii guddisuun walitti hidhannaa dinagdee gabbisuun akka barbaachisu marii Kanaan kaafameera.

Ambaasaaddar Tsagga’aab turtii Roomaaniyaatti taasisaniin magaalaa Araad kan daawwatan yoo ta’u qonsiilaa kabajaa Itiyoophiyaa magaalattii Loon Saanduu waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Tsagga’aab abbummaa qonsiilaa kabajaatiin kan bulu warshaa sibiila oomishu kan PAB jedhamuun beekamudaawwataniiru.

Ambaasaaddarichi taatee  University of Life Sciences Araaditti argamu qopheesserratti dandeettii qonnaa fi Invastimantii Itiyoophiyaa ilaalchisuun haasawa kan taasisan yoo ta’u kantiibaa magaalattii fi hooggantoota biroo waliin mari’ataniiru.

Itiyoophiyaan tumsa dippilomaasii fi dinagdee Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf akkasumas haala waliin misoomuun danda’amu jiddugaleessa godhateen hariiroo bal’isuu akka barbaaddu ambaasaaddar Tsagga’aab ibsuusaanii odeeffannoon waajjira ergamaa dhaabbataa Itiyoophiyaa Jenevaatti argamuu nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015