Itoophiyaan qabeenya gabbataa humna haaromfamaa qabdu fayyadamuun geejiba magariisaan adda duree ta'uuf hojjecha jirti. - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan qabeenya gabbataa humna haaromfamaa qabdu fayyadamuun geejiba magariisaan adda duree ta'uuf hojjecha jirti.
Sadaasa 13/2017(TOI) - Itoophiyaan qabeenya gabbataa humna haaromfamaa qabdu fayyadamuun geejiba magariisaan adda duree ta'uuf hojjecha jirti jedhan Af-yaa'iin mana maree bakka bu'oota uummata obbo Taaggasee Caafoo.
Agarsiifinii fi Simpooziyeemiin idil addunyaa Itiyoo Giriin Moobiliitii 2024 har'a finfinneetti banameera.
Sirna banisa agarsiisaa fi Simpooziyeemii kanarratti Af-yaa'iin mana maree bakka bu'oota uummataa Taaggasee Caafoo akka himanitti; dhiibbaa jijjiramni qilleensa sadarkaa idil addunyaatti uumaa jiru irra damdamachuuf misooma magariisaa amansiisaa fi itti fufinsa qabu uumuun barbaachisaadha.
Itoophiyaan moobiliitii magariisaa deeggaruu kan danda'u qabeenya humna haaromaa gahaa qabachuu himanii; kana fayyadamuun geejiba magariisaan adda duree ta'uuf hojjechaa jirti jedhaniiru.
Alaa galchitoota konkolaatota elektirikiif deeggarsi taasifamaa jirachuu eeranii kunis gara fuula duraattis cimee itti fufa jedhaniiru.
Faalamaa qilleensaa hiri'isuun hawaasa badhaadhe uumuuf imaammata baastonnii fi qaamolee qooda fudhatoota damichaa qindoominaan hojechuu qabu jedhaniiru.
Ministirri Geejibaa fi Loojistikii doktar Alamuu Simee gama isaaniin; geejibni magaarisaa qaama hojii Itoophiyaan dinagdee magaariisaa waaraa ta'e ijaaruuf hojechaa jirtuuti jedhaniiru.
Finfinneen jiddugala dippilomaasii fi dinagdee taatee itti fufuuf hojii misooma magariisaa jalqabde gama geejiba magariisaan deeggaruuf xiyyeeffannoon hojjetama jira jedhaniiru.
Agarsiifni qophaa'e hanga Sadaasa 20/2017'tti itti fufa.