Naannoo Oromiyaatti ayyaana hundeeffama paartii badhaadhinaa waggaa 5ffaa sababeeffachuun hojiileen misoomaa daawwatamaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti ayyaana hundeeffama paartii badhaadhinaa waggaa 5ffaa sababeeffachuun hojiileen misoomaa daawwatamaa jiru
Sadaasa 14/2017(TOI)፦- Naannoo Oromiyaatti ayyaana hundeeffama paartii badhaadhinaa waggaa 5ffaa sababeeffachuun hojiileen misoomaa daawwatamaa jiru.
Ayyaana hundeeffama paartii badhaadhinaa waggaa 5ffaa sababeeffachuun naannoo Oromiyaa magaalaa Shaggarii fi Bishooftuutti daawwannaan taasifamaa jira.
Daawwannaan kun inisheetiiviiwwan qonnaa magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Galaan Guddaa daawwachuun eegalameera.
Hojiin horsiisa beelladaa, horsiisa lukkuu fi booyyee akkasumas misooma nyaata loonii kutaa magaalichaatti daawwatamaniiru.
Bulchiinsi magaalaa Shaggar hojiiwwan qonna ammayyeessuuf hojjeteen bu’a qabeessa ta’uunsaa ibsameera.
Bara bajataa kanas industirii harkaa babal’isuuff xiyyeeffannoon hojjetamaa kan jiru yoo ta’u sheediiwwan tajaajiloota garagaraaf oolan kuma 4 caalan akka ijaaraman beekameera.
Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa akkasumas hooggantoonni olaanoo naannichaa daawwannaa kanarratti argamaniiru.
Magaalaa Shaggaritti aansuun hojiileen misoomaa garagaraa magaalaa Bishooftuutti hojjetaman akka daawwataman beekameera.