Paartiin Badhaadhinaa umurii gabaaba kan qabu ta'us paartii milkaa'ina hunda galeessa heddu dhugoomsedha. - ENA Afaan Oromoo
Paartiin Badhaadhinaa umurii gabaaba kan qabu ta'us paartii milkaa'ina hunda galeessa heddu dhugoomsedha.
Sadaasa 14/2017(TOI)- Paartiin Badhaadhina umurii gabaaba kan qabu ta'us paartii milkaa'ina hunda galeessa heddu dhugoomsedha jedhan Itti aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Farahaa.
Hundeeffaminni Paartii Badhaadhinaa waggaa 5ffaan sagantaa garaagaraatin kabajamaa jira.
Guyyaa har'aas sadarkaa Federalaatti Hooggantootaa fi Hojjettoonni Dhaabbilee Federaalaa Paartii Badhaadhina Magaalaa Finfinnee galma Injifannoo Yaadannoo Aduwaatti hundeeffama Paartii Badhaadhinaa waggaa 5ffaa mata duree "Olaantummaa Yaadaa Badhaadhina Hunda Galeessaaf' jedhuun kabajaa jiru.
Sirna kabaja waggaa 5ffaa Paartichaarratti Itti aanaa Pirezidaantii Paartii Baadhaadhinaa Adam Faraaha, Af-yaa'ii mana mree bakka bu'oota uummataa obbo Taaggasee Caafoo, Af-yaa'ii mana maree Federeshinii Aganyoow Tashaagar, Walitti qabaa dhaabbilee Federaalaa Paartii Badhaadhina doktar Alamuu Simee dabaltee hoggantoonni olaanoo paartichaa fi hojii mootummaa biroon argamiiru.
Sirna kabaja hundeeffama paartichaa kan waggaa 5ffaa sadarkaa dhaabbilee Federaalatti kabajamerratti kan argaman itti aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Farahaa; Paartiin Badhaadhina haqa seera maleessummaa, hanqina hirmaachisummaa, seenessa qeenxee fi rakkoolee biroo furuuf olaantumma yaadaa gurguddaan kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.
Finxaalesummaa dhabamsiisuun nageenyaaaraa mirkaneesuun, jireenya uummataa fooyyesuun, fayidaan biyyaalessaa kan kaamu, rakkooleen haqa maleesummaan kan furaman, haqni hawaasummaa kan mirkanaa'u karaa olaantummaa yaadaan qof ta'uu himaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa kan hundaa'e olaantumaa yaadaa bu'uura godhchuun ta'uu isaan rakkoolee hundee jabeeffatanii turan furuun badhaadhina hunda galeessa mirkaneesuf ta'uu himaniiru.
Cimnee yoo hojjenne badhaadhina biyyaalesa mirkaneesuun akka danda'amuus waggaa 5 keessatti agarsiisuu isaa eeraniiru.
Paartichi Hoggansa gahumsa qabu, hoggansa fi miseensoota murannoo qaban akkasuma deeggarsa uummataan utubamee qormaataaf osoo hin jilbeeffatiin milkaa'inoota jiran itti fufsiisuu danda'uus ibsaniiru.