Awurooppaa fi Ameerikaatti namoota hojiif akka eran qaama kamiifuu bakka bu’ummaan hinkennamne-ministeera hojii fi ogummaa

 Sadaasa 14/2017(TOI)- Awurooppaa fi Ameerikaatti namoota hojiif akka eran qaama kamiifuu bakka bu’ummaaakka hinkennine ministeerri hojii fi ogummaa beeksise.

Qaamolee namoota hojiif ni’ergina jedhii waliindhahaa jiran seeraan gaafachuuf hojjechaa akka jiru ibsameera.

Kaanaadaa dabalatee biyyoota Awurooppaa garagaraatti namoota hojiif ni’ergina, kanaaf ammoo qaama dhimmi ilaalurraa eyyama arganneerra jechuun fuula marsariitii garagaraarratti beeksisa seeraan alaa tamsaasuun hawaasa baasii fi bu’aa bahiif saaxilaa akka jiran ministeerichi himeera.

Qaamolee gocha waliin dhahuu akkasii hojjechaa jiran seeraan gaafachuuf xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru ibseera.

Ministeerichi namoota hojiif gara Awurooppaa fi Ameerikaatti akka ergan qaama kamifuu bakka bu’ummaa akka hinkennine ibseera.

Lammiileen carraa hojii fayyadamuuf karaa seera qabeessaa qofa deemuun baasii hinmalle, bu’aa bahii fi balaawwan biroorraa akka ofeeggatan hubachiiseera.

  

Lammiileen biyyoota waliigalteen gamlameen itti mallatteeffametti carraa hojii argachuuf geessituu(Link)  (lmis.gov.et)  fayyadamuun sirna odeeffannoo gabaa Itiyoophiyaa irratti galmaa’uun hojii biyya alaa nageenyisaa mirkanaa’e  fayyadamuu akka danda’an ministeerichi eereera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015