Eksipoon Albuudaa fi Teeknooloojii sadaffaan jalqabame - ENA Afaan Oromoo
Eksipoon Albuudaa fi Teeknooloojii sadaffaan jalqabame
Sadaasa 14/2017(TOI)- Eksipoon Albuudaa fi Teeknooloojii sadaffaan galma miiliniyemiitti har’a banameera.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee, Ministiroonni, bulchitoonni naannolee, dippilomaannii fi qooda fudhattoonni damee kanaa biroon eksipoo kanarratti argamniiru.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee eksipoo kana eebbisanii bananiiru.
Kaayyoon eksipoo kanaa qabeenyota albuuda Itiyoophiyaa addunyaaf beeksisuu fi gumaacha dinagdee fi sharafa alaaf qabu guddisuudha.
Kaampaaniiwwan biyyaalessaa fi idil addunyaa hedduun eksipoo kanarratti hirmaataniiru.
Dhaabbileen mandhalee oomishasaanii addunyaaf akka beeksisanii fi akka gurguran eksipoon kun haala mijataa akka uumu ibsameera.
Eksipoon kun kanneen biyya keessaa fi biyya alaatii bitan waliin kallattiin akka walitti fidu himameera.
Dhaabbileen Albuudaa fi Teeknooloojiirratti hojjetan eksipoo kanarratti hirmaachuudhaan oomishaa fi tajaajilasaanii nibeeksisu.
Eksipoon Albuudaa fi Teeknooloojii kun amma Mudde 17 bara 2017tti nitura.