Itiyoophiyaan qabeenya Albuudaa qabdu sirnaan ittifayyadamuun fayyadama biyyattii damee kanaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan qabeenya Albuudaa qabdu sirnaan ittifayyadamuun fayyadama biyyattii damee kanaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Sadaasa 14/2017(TOI)- Itiyoophiyaan qabeenya Albuudaa qabdu sirnaan ittifayyadamuun fayyadama biyyattii damee kanaa mirkaneessuuf xiyyeffatamee hojjetamaa akka jiru Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee ibsan.
Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee eksipoo albuudaa fi teeknooloojii idil addunyaa 2024 3ffaa galma Miliniyeemii Finfinneetti bananiiru.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee wayita kana ergaa dabarsaniin, Itiyoophiyaan biyya qabeenya dilbii albuudaa qabdu ta’uushee eeraniiru.
Qabeenyota kanneen sirnaan ittifayyadamuun fayyadama biyyattii damee kanaa mirkaneessuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Riifoormiin dinagdee gooroo akkasumas hammattoowwan seeraa mijatoo uumuun akka fakkeenyaatti nikaafamu.
Eksipoon kun har’aa eegalee amma Mudde 17 bara 2017tti kan turu yoo ta’u, oomishtoonni Albuudaa, alergitoonni, fayyadamtoonni, oomishtoonni teeknooloojii fi dhiheessitoonni eksipoo kanaan walitti dhufanii oomishaa fi tajaajilasaanii nibeeksisu, walitti hidhamiinsas ni’uumu jedhameera.
Invastaroonni, dhaabbileen faayinaansii, hayyoonni sektarichaa,kaampaaniiwwan sektara Kanaan muuxannoo qaban, hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannolee nihirmaatu.
Exsipoo Kanaan cinaatti mariin paanaalii kan taasifamu yoo ta’u muuxannoo fi filmaatonni invastimantii sektara kanaa dhihaatanii akka mari’atamu eerameera.